Manneen Barnootaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an 200 deebisanii ijaaruuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Manneen Barnootaa garee shororkeessaa ABUTiin barbadaa’an keessaa manneen barnootaa  200 deebisee ijaaruuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa ibse.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Faantaa Maandafroon Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti akka ibsanitti, manneen barnootaa 200 ijaaraman keessaa ijaarsi manneen barnootaa shanii eegaleera.

Dhaabbileen garaagaraas ijaarsa manneen barnootaa kanneen irratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru.

Ijaarsa manneen barnootaa kanaaf hundi deeggarsa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Naannawaa manneen barnootaa barbadaa’anitti filannoowwan  barattoonni yeroof barnoota isaanii itti  hordofan qophaa’uu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment