Finfinnee, Onkololeessa 23, 2014 (FBC)- Manneen Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu Bara kana ijaarsi isaanii xumurame 7 keessatti barattoota 240 simatee barsiisuuf qophii hundaa xumuruu Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa beeksise.
Mana barnootaa bultii addaa lamaan hojiin baruufi barsiisuu kan eegalame yoo tahu, Bara 2014’tti Manneen barnootaa bultii addaa kan barattoota barnoota isaaniitti cimoo tahan simatee barsiisu manni barnootaa bultii addaa 7 qophaa’ee jira.
Manneen barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu 7 kan Godinaalee Oromiyaa keessatti ijaaraman kunneen yeroo ammaa kana meeshaalee baruu fi barsiisuu dabalatee meeshaalee barattoonni itti fayyadaman hundaa kan sadarkaa isaa eeggate guuttachuun dhiheenyatti hojii Baruufi barsiisuu humna guutuudhaan eegaluuf qophii tahuu Itti Aantuun Biiroo Barnootaa Oromiyaa Aadde Magartuu Mohaammad FBC’tti himaniiru.
Namoonni barattootaaf nyaata dhiheessanis waldaan gurmaa’uun Hojiitti galuuf guyyaa har’aa magaalaa Bishooftuutti leenjii fudhataa jiru.
Namoonni kunneenis ogummaa nyaata bilcheessuu fi qabiinsa manaa kanneen leenji’aniidha jedhaniiru Aadde Magartuun.
Bara 2013 hojiin ijaarsa isaa kan eegalame Manni Barnootaa Bultii Addaa Ifa Boruu,Yeroo ammaa kana hojiin ijaarsa isaa guutumman guutuutti xumuramee bara 2014’tti Barattoota simatee barsiisuuf waan hundaa guuttatee waan jiruuf maatiin barattootaas yaaddoo tokko malee barattoota isaanii erganii akka barsiifatan aadde Magartuun dhaamaniiru.
Mana barnootaa bultii Addaa Ifa Boruu Bakka madda Wiirtuu Urjiilee Oromiyaa taasisuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa kaayyeffatee socho’aa jira.
Barattoonni ulaagaa barbaadame guutanis Qormaata fudhatanii Firii qormaataa eeggachaa jiru.
Barattoota qormaata darbaniif Nyaataa fi bakka bultii isaanii dabalatee baasiin barbaachisu maraatti Mootummaadhaan kan dhihaatuuf taha.
Yaaddesaa Geetaachootu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.