Manneen Barnootaa bara 2014 keessa daballii gatii taasisan bara itti aanu daballii gatii taasiisuu hin danda’an jedhame

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Manneen Barnootaa bara barnootaa 2014 keessa daballii gatii taasiisan bara itti aanu daballii gatii taasiisuu kan hin dandeenye ta’uu ibsame.

Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaa fi Leenjii magaalaa Finfinnee daballii gatii manneen barnootaa bara barnootaa 2015 ilaalchisee marii taasiseen Manneen Barnootaa Bara barnootaa 2014 daballii gatii taasiisan bara 2015 keessa daballii gatii kamiiyyuu taasiisuu akka hin dandeenye  ibseera.

Haa ta’uutii Manneen Barnootaaa waggoottan lamaa fi sadan darbaniif daballii gatii osoo hin taasisiin turan Proopozaalaa Manneen barnootaa kunneen dhiyeessanii fi marii Maatii waliin taasiifame bu’uura godhachuun daballii gatii madaallawaa ta’e taasisuu akka danda’an Daayreektarri Olaantuun Abbaa Taayitichaa Aadde Hiyiwat Gugsaan ibsaniiru.

Kaffaltii idileen ala manneen barnootaa kunnen akaakuu fi maallaqaan kaffaltii kamuu gaafachuu kan hin dandeenye ta’uu Itti aantuu Hojii Raawwachiiftuun Abbaa Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaa fi Leenjii magaalaa Finfinnee Aadde Fiqirtee Abarraa himaniiru.

Magaalaa Finfinneetti dameewwan dabalatee Manneen barnootaa kumni 2 ol jiraachuu fi barattoota kuma dhibba 4 ol keessummeessaa akka jiranis ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment