Manneen barnootaa aanoota Oromiyaa keessatti argaman Mootummaa naannoo Afaar fi Sidaam waliin kan waldaangessaa afaan Afaarii fi Sidaamaa barsiisuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC)- Manneen barnootaa aanoota Oromiyaa keessatti argaman Mootummaa naannoo Afaar fi Sidaam waliin kan waldaangessaa afaan Afaarii fi Sidaamaa barsiisuuf qophiin xumurame.
sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessan kilaastera hawaasummaa Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa mootummaa naannoo Afaar waliin kan waldaangessaa manneen barnootaa aanoota Oromiyaa keessatti argaman Afaan Afaar, Mootummaa naannoo Sidaamaa waliin kan waldaangessaa manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman Afaan Sidaamaa barsiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Tokko afaan isaa biroo yoo barate obbolummaan, walqixuummaa fi kabajaan hawaasaa caluumatti ni cima jedhaniiru.
Biyya tokkummaa cimaa qabdu ijaaruuf ni gargaaras jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment