Manneen barnoota tursa addaaf tajaajila turan osoo keemikaalli hin biifamiin barnoonni akka hin eegalle ibsame

Finfinnee, Fulbaana 25, 2013 (FBC)- Manneen barnoota tursa addaaf tajaajila turan osoo keemikaalli farra ilbiisoota hin biifamiin barnoonni akka hin eegalle Ministeerri Barnoota beeksise.

Ministirri Ministeera Barnoota Dooktar Geetahuun Makuriiya, ibsa raawwii hojii dhaabbilee isaanii baatii 3 gaazixeessitotaaf laataniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuun hojiin baruu fi barsiisu eegaluuf qophiiwwan garaagaraa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootuumman hojii baratottaaf haguugduu afaanii fi funyaanii dhiyeessuuf hojjeetaa jira jedhaniiru.

Barnoonni yeroo eegalu barataan maaksii hin kaawwanne gara mana barnoota akka hin seennees yaadachisaniiru.

Biifaa keemikaalichaa eegaluufis qophiin xumuramu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment