Manneen barnoota miidhaan irra ga’ee fi barbada’aan deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoona 100 ol barbaachisa-Ministeera Barnoota

Finfinnee, Amajjii 30, 2014  (FBC)- Ityoophiyaatti waraanaa fi sababoota garagaratin manneen barnoota miidhaan irra ga’ee fi barbada’aan deebisanii dhaabuuf Birrii biiliyoona 100 ol akka barbaachiisuu Ministeerri Barnoota beeksiseera.

Ministeerri Barnoota gabaasa raawwii hojii baatiwwan jaha koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummata bobbii misooma humna namaa fi dhimmoota teeknooloojiif guyyaa har’a dhiyeesseera.

Gabaasicha kan dhiyeessa Ministirri Ministeera Barnoota Proofeeser  Birhaanuu Naggaan, rakkoon nageenya biyyatti keessaa ture damee barnootaarratti miidhaa qaqqabsiisuu kaasaniiru.

Biyyattitti manneen barnoota kumni 1 fi 200 ta’aan waraanaa fi walitti bu’iinsa kan barbadaa’aan yoo ta’u, manneen barnoota kumni 5 ol ammoo cufamaniiru.

Sababa kanaanis barattoonni miiliyoona 3 ol ta’a barnootaan ala ta’uu ibsaniiru.

Barsiisoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 50 ol ta’aan ammoo hojii baruu fi barsiisuun ala ta’uu ibsichaan eerrameera.

Haaluma wal fakkatuun kutaa kaabaa biyyattitti waraanaa muudateen naannoo Amaaraatti yuunvarsiitiiwwan 3 garinii fi guutuumma guutuun barbada’uu ibsameera.

Sababa waraanichaan barattoonni kumni 22 fi barsiisoonni kumni 1 fi 500 Yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraayii fi Waldiyaa barnoota adda kutuun  deebi’uun gara Yuunvarsitiiwwan birootti akka dabarfaman taasifameera jedhan.

Gabaasichaan baatiwwan jahan darbanitti dhaabbilee tumsiitoota garaagaraarra galiin doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 30 walitti qabamu himameera.

Haayleyessuus Siyyuumtu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment