Manneen balaa ibiddaan gubataniif bakka bu’iinsi kenname

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Baatii afuriin dura manneen balaa ibiddaan gubataniif manneen jireenyaa bifa haaraan ijaarraman bakka bu’iinsan laataman.
 
Itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan manneen Baatii afuriin dura naannoo duuba giddugala agarsiisaatti balaa ibiddaan gubataniif bakka bu’iinsa laataniiru.
 
Manneen jireenyaa abbaa warraa 17 balaa ibiddaan gubatan Injiinar Taakkalaan hirmaannaa abbootii qabeenyaan akka ijaarramuuf waadaa galanii turan.
 
Manneen jireenyaa kunneen turtii Baatii 5 hin guunne keessatti ijaarramanii xumuramuu isaanii ibsameera.
 
Injiinar Taakkalaan abbootii qabeenyaa fi qaamoolee garaagaraa ijaarsa kanneenirratti hirmaatan hunda galateeffachuu isaanii ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Comments (0)
Add Comment