Finfinnee, Adoolessa 24, 2014 (FBC) – Hordoftoonni Manneen Amantaa Kiristiyaanaa Wangeelaawwii Makaana Iyyasuus Kiilloo 5 sagantaa galateeffannaa gaggeessaniiru.
Qormaatilee Amantaalee, eenyummaa, Siyaasaa fi hawaasummaa muudataa ture ce’uun as ga’uun gatii guddaa ta’uu isaan galateeffachuun barbaachisaa ta’uu hordoftoonni amantichaa eeraniiru.
Biyyattiin qormaatilee uumamaa fi namtolchee muudate ce’uu danda’uu ishee yaadachuun galateeffachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Sagantichi kadhannaa, Faarfannaa fi tajaajila barnoota Afuuran gaggeeffamuu ibsameera.
Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.