Manneen amantaa hundi barbaachisummaa nageenyaa barsiisuu hojiisaanii jalqabaa taasisuu akka qaban ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Manneen amantaa hundi barbaachisummaa nageenyaa barsiisuu hojiisaanii jalqabaa taasisuu akka qaban abbootiin amantaa ibsan.

Yeroo dhiyoo as bakkeewwan garaagaraatti walitti bu’iinsi uumaman babal’achaa dhufuun du’aatii namoota hedduu fi barbadaa’uu qabeenyaaf sababa ta’uu fi gochichi amantaa kamiinuu kan balaaleffatamuu fi tasumaa fudhatama kan  ta’uu eeraniiru.

Gochoonni akka kanaa kan uumaman namoota amantaa fi eenyummaa  sababa godhatan ta’uu, amantaa kamiinuu fudhatama kan qabne ta’uu fi manneen amantaa Ityoophiyaa keessatti argaman hundi hordoftoota isaanii barbaachisummaa nageenyaa barsiisuu hojiisaanii jalqabaa taasisuu akka qaban addeessaniiru.

Hoggantoonni amantaa yoomiyyuu taanaan uummata isaan hordofu waa’ee nageenyaa barsiisuu akka qaban mana amantaa Ortodoksii Tawaahidootti Abbaa Waldabirihaan Gabramadiin ibsaniiru.

Amantaa dawoo godhachuun qaamolee uummata gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf hojjetan saaxiluun itti gaafatamummaa hundaa ta’uu fi mootummaanis qaamolee badiirratti tarkaanfii fudhachuu akka qabu himaniiru.

Lubni Mana Amantaa Qaala Hiywat Dooktar Taaraqany Yaa’iqoob gamasaaniin dhaloota dargaggeessa naamusa gaariin bocuuf abbootiin amantaa xiyyeeffannoo itti laannee itti gaafatamummaa keenya ba’achuu qabna jedhaniiru.

Masjiida Najaashii magaalaa Finfinneerraa Sheek Reediwaan Lalamdaan gamasaaniin biyya keessatti hojjetanii jiraachuuf, amantaa ofiitti  jabaatanii dhaabbachuu fi uumaa ofii galateeffachuuf wabiin nageenya ta’uu dubbataniiru.

Hundi keenya nagaan akka jiraanutti nageenyi Ityoophiyaa fi waliin jireenyi uummattootaa murtessaa waan ta’eef barsiifanni abbootii amantaa gatii guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment