Manneen amala sirreessaa iddoo sarbama mirga namoomaa osoo hin iddoo Lammiileen gogongorarraa barataan ta’uu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Manneen amala iirreessaa iddoo dararamaa fi sarbama mirga namoomaa osoo hin taane iddoo Lammiileen dogongora isaaniirraa baratan ta’uu akka qabu Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos ibsan.
 
Manneen Amala Sirreessaa iddoo jijiirama yaadaa fi amala itti fidan ta’uu qaba jedhan.
 
Komiishiniin Mana Amala Sirreessaa Fereraalaa Komiishinaroota Naannolee waliin yaa’iin Waloo Marsaa 13ffaa magaalaa Baatuutti gaggeessaa jira.
 
Kaayyoon yaa’icha hojiileen jijjiirrama as jiran maal akka fakkaatu qorachuufi jedhame.
 
Komiishinarri Komiishiinii Manneen amala sirreessaa Federaalaa Komishiinar Daammanaa Darootaa jijjiiramaa as manneen amala Sirreessaa keessaattii lammiileen biyyaattii akka armaan duraa dararaa fi ukkamsuun hafee mirgi lammiilee akka kabajamuun hojiin jalqabame jajjabeeffamuu qaba jedhan.
 
Komiishinaroonni naannolee haalaa qabiinsa Lammiilee mana amala sirreessaa keessa jiru haalaan hordofuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos Komishiinoroonnii Yaadaa fi ilaalcha wal fakkataa akka qabaatan, haalii qabanna sirreeffamtootaa gubba hanga gadiitti fooyyaa’uu akka qabuu fi Manneen amala sirreessaa iddoo leenjii , barnootaa fi ogummaa ta’uu qaba jedhan.
 
Maddi:-OBN
 
Fuula Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment