Manneen 74 fi konkolaattonni 160 dhorkamuu fi Birrii miiliyoonni156 ol mootummaan dhaalaman – Ministeera Haqaa

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Bara baajataa 2015 Manneen 74 fi konkolaattonni 160 seeraan ala qabamanii turan dhorkamuu fi Birrii miiliyoonni 156 ol mootummaan dhaalamuu Ministeerri Haqaa beeksise.

Bara baajataa 2015 keessa faayidaa mootummaa fi ummataa eegsiisuuf hojiilee hedduun raawwatamuu Ministeerichi Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif beeksiisee.

Bara baajataa xumurame Qorannoo qabeenyaa seeraan ala qabamanirratti gaggeeffameen Manneen 74 fi konkolaattonni 160 seeraan ala qabamanii turan dhorkamuu fi Birriin miiliyoonni 689 mootummaan dhaalamuu ibseera.

Lafti karee meetiri kumni 137 fi 556 fi aksiiyoonoonni miiliyoonni 3.2 dhorkamuu isaanii ibseera.

Warqeen seeraan ala socho’aa ture gurguramuun Birrii miiliyonni 3.17 ol mootummaaf galii ta’uu eerameera.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment