Mandarri Ikkoo Tuuriizimii Leephiis badhaasaa addunyaa argatte

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC)- Mandarrii Ikkoo Tuuriizimii Leephiis badhaasaa fi beekkamtii Mandaraa Tuurizimii Ajaa’ibsiisaa Addunyaa argachuu Ministeerri Tuuriizimii beeksise.

Mandaarri Ikkoo Tuuriisziimii Leephiis Giddugaleessaa Sululaa Qiinxaamaa keessatti kan argamtu mandaraa ajaa’ibsiisoo addunyaa ta’uun Dhaabbanni Tuuriizimii Addunyaa badhaasa beekkamtii kenneera.

Hawwattummaa ajaa’ibsiisaa, fincaa’aa uumamaa, biqilootaa fi bineensota bosonaa kan qabdu Mandarrii Ikkoo Tuuriizimii Leephiis bu’aalee ogummaa harkaa leemmaan irra hojjetamuun bal’inaan kan beekamtudha.

Ministir Deetaan Ministeeraa Tuuriizimii Silashii Girmaan, Mandarrii Ikkoo Tuuriizimii Leephiis mandaroota torbaa Itiyoophiyaan dorgommiif dhiyeessite keessaa tokko ta’uu kaasan.

Mandarichi bosona naannawichaa, bineensotaa fi biqiloota, fincaa’aa uumamaa qabaachuun giddugaleessa Sululaa Qiinxaamaa keessatti kan argamu ta’uun akkasumas, hojii eegumsa qabeenya uumamaa fi hawaasa ogummaa harkaan beekamuu kan qabdu ta’uun filatamtuu akka taate eeraniiru.

Bakkeewwan hawwata tuuriizimii adda baasuu, misooman taasisuun addunyaarratti akka beekamanii fi naannwichatti dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa hundeeffamuun tuuristootaaf tajaajila mijataa akka kennan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Mandarri Ikkoo Tuuriizimii Leephiis Godina Arsii Lixaa Aanaa Negeellee Arsii irraa gara Bahaatti kiiloomeetira 18 fagaattee kan argamtuudha.

Itiyoophiyaan kanaan dura mandaraa ajaa’ibsiisoo tuurizimiin Ikkoo Tuuriizimii Wancii fi Gaaraa Coqqee galmeessuun kan yaadatamuudha.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment