Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti,Koreen Dhaabbii Dhimma Eegumsa Naannoo, Qonnaa fi Horsiisee bultootaa, Abbaa taayitaa Daandiiwwanii Federaalaa waliin  Raawwii hojii kurmaana jalqabaa gamaaggame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti,Koreen Dhaabbii Dhimma Eegumsa Naannoo, Qonnaa fi Horsiisee bultootaa, Abbaa taayitaa Daandiiwwanii Federaalaa waliin  Raawwii hojii kurmaana jalqabaa gamaaggameera.

Manni maree bakka bu’oota uummataa, Projaktoonni Ijaarsa Daandii eegalaman yeroo kaa’ameefitti dhumuu dhabuu fi lafarra harkifachaa jiraachuu Gamaaggameera.

Korechi Projaktoonni Ijaarsa daandiiwwanii sadarkaa biyyaatti eegalaman,Yeroo kaa’ameefitti xumuramuu dhabuu fi yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu isaa gamaaggama kanaan ilaaluu himeera.

Daandiiwwan ijaaramanis qulqullina waan hin qabneef tajaajila barbaadameef osoo hin oolin yeroo muraasa keessatti manca’aaa akka jirus korichi ibseera.

Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa daandiiwwanii Federaalaa Injiinar Habtaamuu Taganyi akka himanitti,yeroo ijaarsi daandiiwwanii eegalamu, rakkoon daangaa fi beenyaa waliin wal qabatu hedduun jiraachuu akkasumas kutaalee biyyattii tokko tokko keessa ammoo rakkoon nageenyaa waan jiruuf, ijaarsi daandiiwwanii eegalaman Lafarra akka harkifatanii fi yeroo kaa’ameefitti akka hin xumuramneef sababa gurguddoo ta’uudha gamaggamicha irratti ibsaniiru.

Haata’utii kontiraakteroota ijaarsa daandii eegalan yeroo ka’ameef gidduutti xumuraa hin jirre irratti tarkaanfiin akka fudhatamuudha Injiinar Habtaamuu Taganyi Hubachiisaniiru.

Projaktoonni Misoomaa Naannoo Horsiisee Bulaatti hojjetaman karaa qulqullina qabuun akka hojjetamanii fi eegumsa naannoofis faayyidaa olaanaa buusaa, Jiraattotas fayyadamoo taasisuun akka hojjetamaniif Koreen kun kallattii fuula duraa kaa’eera.

Rakkoowwan qulqullinaa fi lafarra harkifannaa projektoota ijaarsa daandiiwwanii waliin walqabatanii dhufan furuuf, abbaa taayitichaa Yaada koreewwan irraa ka’e bu’uura godhachuun, Rakkoowwan kanneen hiikaa akka adeemuufis miseensonni Koree Dhaabbii dhimma Eegumsa Naannoo, Qonnaa fi Horsiisee bultootaa gaafataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

Comments (0)
Add Comment