Mana kitaabaa Biyyaalessaa Maadiriiditti kutaan Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa baname

Finfinnee, Adoolessa 13, 2016 (FBC)- Ispeen Mana kitaabaa Biyyaalessaa Maadiriiditti kutaan Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa banamuu Manni Kitaabaa Abrihoot beeksise.

Daayrektarri Mana Kitaabaa Abrihoot Injiinar Wubaayyoo Maammoo akka ibsanitti, mooraa Mana Kitaabaa Biyyaalessaa biyyattiitti, kutaan Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa banamuun seenaa, aadaa fi afaan Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf kan gargaarudha.

Itiyoophiyaa fi Ispeen hariiroo gaarii qabanin manni kitaabaa baname kun michummaa biyyoota lamaanii daran kan cimsuudha jedhameera.

Baraa Faranjootaa 1711 kan hundeeffame Manni Kitaabaa Biyyaalessaa Ispeen mana kitaabaa beekama kitaabilee miiliyoona 26 qabu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment