Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Mana Kitaabaa Abrihootii fi dhaabbilee barnootaa olaanoo 3f deeggarsi kitaabilee kuma 15 taasiifameera.
Sirni walharkaa fuudhinsaas bakka hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti gaggeeffameera.
Lammiileen Ityoophiyaa Emireetoota Araba Gamtoomanii jiraatanii fi hayyoonni kitaabilee kanneen deeggarsa taasiisu ibsameera.
Lammiileen Ityoophiyaa gumaacha gama ce’umsa beekkumsaa,Ogummaa fi teeknooloojiin taasiisan cimsanii akka itti fufan Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon waamicha dhiyeessaniiru.
Hawaasni diyaaspooraa ilaalcha siyaasaan osoo hin daangeffamiin manneen barnootaa sababa waraanaan miidhaman tumsuu akka qaban Ministirri Ministeera Barnootaa Birihaanuu Naggaan gaafataniiru.
Kitaabileen kunnee Mana Kitaabaa Abrihootii, Yuunvarsiitii Madda Walaabuu, Walloo fi Waldiyaaf latamaaniiru.
Kitaabileen kunneen Doolaara miiliyoona 1.5 kan baasan ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul.isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.