Mana jireenya keessaatti kan kuufamee uffataaleen garagaraa eeruu uummataan to’annaa jala oole

Finfinnee, Hagayya 7, 2013 (FBC)- Mana jireenya keessaatti kan kuufamee uffataalee Boondaa garagaraa eeruu uummataan to’annaa jala ooluu poolisiin beeksiseera.
Biiroon Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa mana jireenyaa keessaatti karaa seeraan alaa kuufamee kan ture uffataalee hedduu to’annaa jala oolcheera.
Uffataaleen boondaa 389 kutaa magaalaa Kolfee Qaraniyoo naannoo Loomii Meedaa jedhamutti aanaa 13 fi 14tti karaa seeraan alaa manneen jireenyaa sadii keessaatti kuufamee akka argamee kan ibsame.
Uffataaleen to’annaa jalaa oolanis tilmaamama Birrii miiliyoona 3.9 qabu jedhameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment