Finfinnee, Bitootessa 5, 2016 (FBC)- Giddugala Nagaa Kabachiisaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti Mana Barnootaa Leenjii Kontinjantii Huursoo Humna Ajajaa Kumaa Mootaraayizdii leenjisaa ture eebbisiise.
Eebbifamtoonni leenjii gochaa fi yaadiddamaa hordofaa turuu fi ergama nagaa kabachiisuurratti kanneen boba’an miseensota hoggansa Ajajaa Kumaa Ramaddii Mootoraayizdii 18ffaa fi 19ffaa ta’uun eerameera.
Itiyoophiyaan Somaaliyaa, Ruwaandaa, Sudaan, Sudaan Kibbaa, Burundii, Kongoo fi biyyoota birootti hojii nagaa kabachiisuurratti bobba’uun nageenya waaraa Afrikaatti mirkaneessuuf itti gaafatama bahachaa jiraachuun ibsameera.
Sirna eebbichaarratti qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisaa Biyyaa, jaarsoliin biyyaa fi Abbootiin Gadaa argamaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.