Mallattoon Dhibee Utaalloo fi Infiluweezaan mul’ataa jiru akka hin babal’anne hawaasni of eeggannoo taasiisuu qaba – MF

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Mallattoon Dhibee Utaalloo fi Unfiluweezaa iddoolee garaagaraatti mul’ataa jiru akka hin babal’anni hawaasni of eeggannoo taasiisuu akka qabu Ministeerri Fayyaa hubachiise.

Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garaagaraatti dhibeen Utaalloo fi Infiluweezaan mudachuu qorannoo gaggeeffaameen mirkana’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Jalqaba Baatii Onokololeessaa eegalee dhibeewwan kunneen bal’inaan mudachuu Qindeessaan Garee Deebii laataa Covid – 19 Dooktar Mabraatuu Maaseebboon ibsaniiru.

Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa qooda fudhattoota waliin ta’uun namoota kuma 2 samuuda fudhachuun qorannoo taasiseen dhibichi mudachuu mirkanaa’uu himameera.

Dhibichi iddoo ummanni itti heddumatu kanneen akka manneen barnootaa, Gabaa, dhaabbilee fi kanneen biroo carraan babal’achuu olaanaa ta’uu eerameera.

Afuurri xiqqaachuu, miirri dadhabbii fi kanneen biroon mallattoo dhibichaa ta’uu ibsameera.

Harka haalaan dhiqachuu fi haguuggii fuulaa fayyadamuun dhibicha ittisuun kan danda’amu ta’uu himameera.

Waan hoo’aa fi dhanga’oo gahaa ta’e fayyadamuu,akkasumas yaala barbaachisu argachuun dhibichi akka hin babal’anne of eeggannoon taasiifamu qaba jedhamuu TOI gabaaseera.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment