Mallattoolee dhibee onnee fi xiyyeeffannoo

Finfinnee, Fulbaana 7, 2016 (FBC) – Dhibeen Onnee dhibee hojii Onnee gufachiisanii fi rakkoolee marsaa dhiigaa kan hammatu gosa dhibee cimaa keessatti ramadama.

Dhibeen onnee yeroo ammaa dhibee addunyaarratti namoota baay’ee miidhaan jiran keessaa isa tokko.
Namoonni mallattoolee dhibee onnee dafanii adda baasanii wal’aansa argatan fayyanii gara jireenya idilee isaaniitti deebi’uu kan danda’an yoo ta’u, baay’een garuu dursanii waan hin-beekneef rakkoo guddaa hanga du’aatti nama geessuuf yeroo saaxilaman mul’ata.

Mallattoolee dhibee onnee ta’uu danda’u jedhamanii kan tarreeffaman keessaas:
Dhukkubbii tasa naannoo qomaa irratti namatti dhaga’amu
Qaama mudhii olii irratti boqonnaa dhabuu: dhukkubbiin harka, dugda, gateettii, morma, illachaa fi garaa gara oliirra dhukkubbiitu namatti dhaga’amuu.

Hafuurri nama hanqachuu : afuurri nama hanqachuu fi naannoo qomaatti waanti nama dhiphisu; kun yeroo baay’ee naannoo onneetti dhibeen erga uumamee booda yookaan osoo hin-uumamin mul’achuu danda’a.

Qaamni dadhabuu : dadhabbiin guddaa fi mataa bowwuu waliin kan mul’atu yoo ta’e.
Dafqa: sa’aatii hin-yaadnetti rakkoo tokko malee dafqaan dhiqamuu.

Kana malees hojii tokko malee dadhabbiin namatti dhaga’amuu, ol nama guuruu, dhiphina gar-malee fi miirra fayya dhabuun harka caalu mallattoolee dhibee onnnee ta’uu danda’u jedhameera.

Sababoota dhibee onneetiif nama saaxilan
Umurii
Tamboo Xuuxuu
Dhibee Sukkaaraa
Dhiibbaa dhiigaa olaanaa
Sochii ga’umsa qaamaa hojjachuu dhiisuu
Furdina gar-malee
Dhibee kalee
Dhugaatii alkoolii humnaa ol dhuguu fi dawaa sammuu nama adoochu fayyadamuun keessatti argamu.

Dhibee Onnee ittisuuf kanneen armaan gadii raawwachuun waan gaariidha:-
Nyaata madaalawaa sorachuu
Guyya guyyaan sochii ga’umsa qaamaa hojjachuu
Irriba gahaa rafuu (guyyaatti sa’aatii 6 hanga 8 yoo rafne gorfama)
Dhibee sukkaaraan kan hubamne yoo ta’e dhibicha too’achuuf wal’aansa barbaachisaa hunda raawwachuu
Tamboo xuuxuu dhaabuu akkasumas dhugaatii alkoolii fudhannu murteessuu
Dhiibbaa dhiigaa keenya fi hamma koolistiroolii dhiiga keenya keessaa too’achuu
Baay’ee furdaa/doo yoo taane waantota ulfina qaama keenyaa hi’isuuf nu gargaaran raawwachuu
Dhiphina hir’isuu
Mallattoon dhibee Onnee yoo nurratti mul’ate maal gochuu qabna…?

Mallattoolee dhibee onneeti kan jedhaman keessaa tokko nurratti mul’atee hanga daqiiqaa 10 oliitti yoo nurra ture tarkaanfiiwwan fayyaa keenyaaf barbaachisoo ta’an fudhachuu qabna.

Isaan keessaas hatattamaan wal’aansa argachuu haala itti dandeenyu mijeessuu fi gara dhaabbata fayyaa deemuun dursa kan qabatudha.

Kana malees ofii keenya tasgabbeessuu, qilleensa gahaa akka argannu foddaawwanii fi balbala banuu akkasumas konkolaataa kan konkolaachifnu yoo ta’e wayita dhukkubbiin nutti dhaga’amutti dhaabuu fi ambulaansiin gara dhaabbata fayyaa deemuutu gorfama.

Maddi:- Helzii Laayin

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment