Malaammaltummaan diina waloo keenyaati, Waliin irratti haa qabsoofnu – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – “Malaammaltummaan diina waloo keenyaati, Waliin irratti haa qabsoofnu” mata duree jedhuun sagantaan sosochii farra malaammaltummaa sadarkaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Balaa Malaammaltummaa fuullee keenya dhaabbate falmachuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hoggansi gochaan jijjiirame, kanneen hoogganuuf fakkeenya ta’ee, waadaa galeef amanamaa fi kaayyoo jiraatuuf fi ashaaraa dhalootaa gara dhalootaatti cehu kan kaa’u ta’uu qaba jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinne Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Malaammaltummaa fi hojimaata badaa irratti qabsaa’uun injifachuuf hawaasa malaammaltummaa halaalatti lagatu ijaaruun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Qabeenyaa keenya beekumsaan bulchuun, kenniinsa tajaajilaa keenya ammayyoomsuu fi itti gaafatamummaa lafa qabsiisuun malaammaltummaa yaadamaa fi gochaan falmachuun fayyadamummaa haqa qabeessa hunda keenyaa mirkaneessuuf waliin haa hojjannu jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment