Finfinnee, Guraandhala 14, 2015(FBC)- Malaammaltummaan dhiibbaa diinagdee dabalataan dhiibbaa xiin-sammuufi hawaasummaa guddaa kan qaqqabsiisu ta’uu hayyoonni ibsan.
Malaammaltummaan jireenya hawaasummaafi xiinsammuu irratti dhiibbaa guddaa kan qaqqabsiisu ta’uu Yuuniivarsiitii Kotobeetti barsiisaan Saayinsii Hawaasaa Obbo Lateeraa Alamaayyoofi Yuuniivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaa Dooktaraa Galataa Sixootaa Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetiif ibsaniiru.
Malaammaltummaan biyyoota guddataa jiran keessatti bal’inaan kan mul’atu ta’uus rakkoo idil addunyaa ta’uu hayyoonni kunneen kaasaniiru.
Fedhiin karaa qaxxaamuraa duroomuu, namoota gochicha raawwatan irratti adabbii barbaachisaan fudhatamuu dhabuun, malaammaltummaa irratti hanqinni hubannaa hawaasaafi duudhaaleen hawaasaa laafaa dhufuun babal’ina isaaf sababa ta’uu eeraniiru.
Yuuniivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaa Dooktaraa kan ta’an Galataa Sixootaa, malaammaltummaan xiin-sammuu hawaasaafi nama gochicha raawwatuurratti dhiibbaa hangana hin jedhamne kan geessisu ta’uu kaasuun, rakkicha furuuf hawaasa gochaa malaammaltummaa balaaleffatu uumuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Namoonni gochicharratti hirmaatan warreen hamilee xiqqoo qaban ta’uu ibsuun, warreen miiraafi haamilee gaarii qaban karaa qaxxaamuraan duroomuuf kan hin carraaqne ta’uu addeessaniiru.
Yuunivarsiitii Kotobeetti barsiisaa saayinsii hawaasaa kan ta’an obbo Lateeraa Alamaayyoon gamasaaniin, malaammaltummaan wal amantaa hawaasarratti miidhaa guddaa kan qaqqabsiisu ta’uu addeessaniiru.
Hogganaafi hojjettoota, hawaasaafi qaamolee siyaasaa, tajaajilamtootaafi warreen tajaajila kennan gidduutti wal amantaan akka dhibu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Faayidaa uummanni hariiroo jireenya hawaasummaan argachuu qabu akka hin arganne taasisas jedhan.
Rakkoolee kanneen hambisuuf, mootummaan qaawwa imaammataa malaammaltummaa babal’isuu danda’an yeroo yeroon qorachuun fooyyessuu akka qabu hayyoonni kunneen eeraniiru.
Dhaabbileen amantaas duudhaalee gaggaarii hawaasa keessa jiran akka deebi’aniifi itti fufaniif hojjechuu qabu jedhaniiru.
Manneen barnootaas barnoota saayinsii cinaatti barnoota naamuusa gaarii barsiisuu akka qaban ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.