Malaammaltummaa ittisuun dirqama lammiilee hundaati- Preezdaant Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Malaammaltummaa Ittisuun dirqama lammiilee hundaati jedhan Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Guyyaan malaammaltummaa addunyaa bara kanaa mata duree “ hoggansa namuusa gaariin ijaarame Ityoophiyaa malaammaltummaarraa bilisa taateef” jedhuun kan kabajamu ta’uu ibsameera.

Kabaja guyyaa malaammaltummaa ilaalchisee Preezdaant Saahilawarq gama miidiyaa hawasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Hoggantoonni karoora farra malaammaltummaa baasuu fi raawwachiisuuf ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Qabsoon farra malaammaltummaa aadaa qajeelfama naamuusaa gaarii uumuu ta’uu kaasaniiru.

Malaammaltummaa fi hojimaanni badaan jiraannaan nageenyi, tasgabbiin, misoomni fi aadaan hojii cimaa jiraachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Malaammaltummaa ittisuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu ergaa isaaniin kaasaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment