Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)-Malaammaltummaa hundeerraa gogsuuf qabsoo hawaasa fi dhaloota safuufi naamusa qabu horachuun barbaachisaa ta’uu Afyaa’iin caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan dubbatan.
Guyyaan farra malaammaltummaa 19ffaan akka Oromiyaatti mata duree “dhaloota Safii fi naamusa Gaariin Ijaaruun Badhaadhina Hunda Galeessaaf” Magaalaa Shaashamanneetti kabajameera.
Waltajjicharratti Aadde Sa’aadaa Abdurraahman mootummaanis malaammaltummaa farra misoomaafi gufuu badhaadhinaa ta’e dhabamsiisuuf qabsoo qindaa’aa fi itti fufiinsa qabu taasisaa jiraachuu ibsan.
Malaammaltummaa hundeerraa gogsuufis qabsoo hawaasa bal’aa taasisuufi dhaloota safuufi naamusa qabu horachuun barbaachisaadha jedhan.
Komiishiinarri Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Obbo Abdallaa Oogateen gama isaaniin malaammaltummaan gochaa seeraan alaa, qabeenya dhuunfaa fi mootummaa kan miidhu, biyyas diigu jedhan
Waltajjicharratti, hoggantoonni olaanoo, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Abbootiin amantaalee fi keessummoonni biroo argamuu ragaan Caffee Oromiyaarra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia