Gumiin dhimma Islaamaa Magaalaa Shaashamannee hawaasa godina Booranaa fi Baalee bahaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC)- Gumiin dhimma Islaamaa Magaalaa Shaashamannee lammiilee Godina Baalee Bahaa fi Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 400 ol taasiseera.

Gumii dhimma Islaamaa Magaalaa Shaashamanneetti, walitti qabaan koree majilisaa Sheek Bashiir Gammadii dirqama amantii, obbolummaa fi lammummaa isaanii bahuuf deeggarsicha kan taasisan ta’uu himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.

Itti Aanaan bulchaa godina Booranaa obbo Abdisalaam Waariyoo deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Deeggarsichi Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamama jedhameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment