Magalichatti piroojektoonni gurguddoon gaaffii uummataa deebisan ijaaramaa jiru- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Eebla 1, 2015(FBC)- Magalaa Finfinneetti piroojektoonni gurguddoon gaaffii uummataa deebisan ijaaramaa jiraachuu kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech Abeebeen hoggantoota magaalichaa biroo waliin ta’uun piroojektoota gurguddoo kutaalee magaalaa garaagaraa keessatti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Sadarkaa ijaarsa piroojektoota Hospitaala Waliigalaa Kolfee, Giddugaloota gabaa Oomishaalee Qonnaa Kolfeefi Aayaat, daandiiwwaniifi riqichoota garaagaraa, kilaastara indaastiriifi Giddugala Akkaadaamii Hoggansaa Finfinnee daawwachuu eerameera.

Magaalichatti piroojektoota gaaffii uummataa ta’an ijaarsisuuf keessumaa bara kana bulchiinsi magaalichaa Birrii biiliyoona 56 ramaduun piroojektoota gurguddoo ijaarsisaa jiraachuu Aadde Adaanech ibsaniiru.

Yeroo ammaa baajatni dabalataa Birrii biiliyoonni 4 ramadamuun waliigalatti Birrii biiliyoonni 60 kaayyoo kanaaf oolchuuf ramadamuu kaasaniiru.

Piroojektoonni eegalaman wayita xumuraman gaaffii uummataa kan deebisan ta’uu ibsaniiru.

Piroojektoonni ijaaramaa jiran sadarkaa gaariirra jiraachuu eeruun, yeroon xumuramuun kaayyoo qabameefirra akka oolaniif ni hojjetama jedhaniiru.

Saamu’eel Warqaayyahutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment