Magalattiitti rakkoolee waggoottaniif kuufaman furuun walta’iinsa cimaa gaafata-Aadde Adaanech

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Hojiileen hojjetaman hedduu fi fageenyi deemame dheeraa ta’us, Magaalaa Finfinneetti waggoottaniif rakkoolee kuufaman furuun, tattaaffii fi walta’iinsa cimaa kan gaafatu ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech, raawwii Gannaa kanaa ilaaluu fi deeggarsa taasisuuf garee deeggarsaa fi hordoffii qondaaltota olaanoo mootummaa federaalaa waliin marii eegaluu gama miidiyaa hawaasumma isaaniin ibsaniiru.

Garechis guyyoottan walitti aanaan 10’f kutaalee magaalattii fi aanaaleetti hojiilee deeggarsaa fi hordoffii akka gaggeessu himaniiru.

“Hojiileen hojjenne hedduu; faggeenyi imalles dheeraa ta’ullee, rakkoolee waggoottaniif magaalaa keenyatti kuufaman furuun tattaaffii olaanaa fi walta’iinsa kan gaafatu waan ta’eef, deeggarsii fi hordoffiin mootummaa federaalaa sirrii fi barbaachisaadha” jedhan.

Kalaqaa fi saffisaan Finfinnee miidhagduu, jireenyaa fi hojiif mijattuu taasisuuf carraqqiin hojjechuu akka itti fufan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment