Magaalota waraanaan miidhaman waaraan dhaabuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama- Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Magaalota waraanaan miidhaman waaraan dhaabuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksise.

Ministeerichatti qopheessummaa Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Manneen Jireenyaan haala misooma manneen jireenyaa bakkeewwan waraanaan miidhamaniirratti dhaabbata Yuu Een Haabitaatii fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin waltajjiin marii gaggeeffameera.

Magaalota waraanaan miidhamaniif deeggarsa kopha kophaa taasisuurra haala qindaa’aa ta’een taasisuun faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ministeerichatti hogganaan Biiroo Misoomaa fi Bulchiinsa Manneen Jireenyaa obbo Taaddasaa Kabbabaa ibsaniiru.

Bakkeewwan waraanaan miidhaan irra ga’ee fi sadarkaa miidhichaa adda baasuun bakkeewwan bilisa ba’anitti karaa waaraa ta’ee fi haala fooyya’aa ta’een hojjechuuf qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu hundi deggarsa barbaachisu taasisuu akka qaban ibsuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment