Magaalota Oromiyaatti kenniinsi tajaajilaa rakkoo hammaataa fi yaaddeessaa ta’uu himame

Finfinne,Sadaasa 2 ,2015 (FBC) – Magaalota Oromiyaa keessatti kenniinsi tajaajilaa rakkoo walxaxaa qabaachuu fi yaadeessaa ta’uu himameera.

Rakkoo kenna tajaajila magaalota Oromiyaa keessa jiru ilaalchisee barreeffamni qorannoo qophaa’ee kantiiboota magaalotaa fi Bulchitoota Godinaalee waliin Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti marii’atamaa jira.

Tajaajilli Ummataa maallaqaan bitamaa fi gurguramaa jiraachuu Itti aanaan Pireezedaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsaniiru.

Rakkoon kenna tajaajila Bishaanii, inshuraansii Fayyaa , ibsaa, invastimantii fi galiirratti bal’inaan kan muul’atu ta’uu eeraniiru.

Sektaraalee kenna tajaajilaan walqabatee rakkoo hammaata qaban furuuf xiyyeeffannaan hojjjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Hojii saffisaa ,haqa qabeessaa,hojimaata tutuqqii namaarraa bilisa taasisuuf, magaaloonni hojimaata isaanii dijitaalaawaa gochuu qabu jedhan.

Dijitalaayizeeshinii’online’ tajaajila kennuun,to’annoo fi hordoffiin cimsuun murteessaa ta’uu hubachiisuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment