Magaalota Naannoo Oromiyaa keessatti hojii misooma Beelladaaa karaa ammayyaatiin hojjetamaa jiruun bu’aan qabatamaan argamaa jira – BKO

Finfinnee, Mudde 15, 2017 (FMC) –Magaalota Naannoo Oromiyaa keessatti hojii misooma Beelladaaa karaa ammayyaatiin hojjetamaa jiruun bu’aan qabatamaan argamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Imalli Badhaadhinaa yaadamarra kan ce’e gocha qabatamaa lammilee maraammartoo hiyyummaa keessaa gara milkaa’inaatti ceesisudha jedhe.

Imala kana milkeessuuf karoora xiiqii tarkaanfilee haaraan dabaalameen bu’aawwan gurguddoon Magaalota Oromiyaatti keessatti galmaa’uu himeera.

Hojiiwwan inisheetiivii garaa garaa Magaalota Oromiyaa keessatti dhuunfaan hojjechuu irraa hanga karaa gurmaa’een misoomsuutti hojii hojjetameen milkaa’inoonni argamaa jiraachuu kaaseera.

Magaalota keessatti misoomni beelladaa kan akka horsiisa lukkuufi booyyee, horii aannanii, furdisaa horii, qurxummiifi omisha dammaatiin bu’aan gaggaariin argamuu ibseera.

Kanaanis magaalotni iddoo gurgurtaa qofa osoo hin taane iddoo oomishaa ta’aa jiraachuu eereera.

Hojii misooma Qonnaa magaalota Oromiyaa keessatti babal’achaa jiruun qaalayiinsi gabaa too’atamuu irratti milkaa’inni mul’achuun cinaatti nyaata madaalamaa oomishuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa taasisuun carraa hojii uumuufi galii dabaluuf haala kan mijeesse ta’uu himeera.

Mootummaan milkaa’inoota argamaa jiran kana cimsuun badhaadhina maatii irraa jiraattota magaalaa fayyadamoo taasisuuf bara 2017 keessa kilaastara beelladaa kuma 100 fi kuma 38 fi 800 ijaaruun oomishaafi oomishtummaa guddisuuf xiyyeffannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.

Haaluma Kanaan magaalota Jimmaa, Aggaaroofi Maattutti inisheetivotni ijaarsa kilastarootaa haala saxaxaafi sadarkaa isaa eeggateen adeemsifamaa jiraachuu eereera.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment