Magaalota Naannolee garaagaraatti Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan haala ho’aa ta’een kabajame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2014 (FBC)- Magaalota Naannolee garaagaraatti Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan haala ho’aa ta’een kabajameera.

Ayyaanni Iid Al Adahaa 1443ffaan magaalota kanneen akka Harar, Gaambeellaa fi Jigjigaatti haala ho’aa ta’een kabajameera.

Ayyaanichi magaalaa Jigjigaa bakka preezdaantiin naannichaa obbo Musxafee Mahaammad dabalatee abbootiin amantaa fi hordoftoonni amantichaa akkasumas keessummoonni kabajaa argamanitti haala ho’aa ta’een kabajamuu Miidiyaan naanichaa gabaaseera.

Bifuma walfakkaatuun ayyaanichi magaalaa Gambeellaatti kabajameera.

Jaalalliifi waliif yaaduun yeroo ayyaanota garaagaraa jiru yeroo hunda cimee itti fufuu akka qabu abbootiin amantaa naannichaa ayyaanicharratti hirmaatan ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaa Harariittis ayyaanichi bifa miidhagaa ta’een kabajamuu ibsameera.

Ayyaanicha wayita kabajnu waldeeggaruu fi walgargaaruun akkasumas ajaja uumaa raawwachuun ta’uu akka qabu abbootiin amantaa naannichaa eeraniiru.

Ayyaanich bakka Preezdaantiin naannichaa Obbo Odriin Badriin fi uummanni musiliimaa naannichaa argamanitti Masjiida Jam’aatti kabajamuu Tashoomaa Hayiluu gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment