Magaalota Godinaalee Oromiyaatti Injifannoo Bitootessa 24 ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)- Oromiyaa Magaalota godinaalee garagaraatti Injifannoo Bitootessa 24 ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffame.

Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti jala bultii Bitootessa 24 sababeeffachuun mariin paanaalii mata duree “Sabdaneessummaa cimsuun biyya waloo keenya ijaarra” jedhuun gaggeeffameera.

Maricharratti Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa, Bitooteessi 24 guyyaa siidaan bilisummaa ittii dhaabbateedha jedhaniiru.

Bifuma walfakkaatuun mariin paanaalii Injifannoo Bitootessa 24 Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti gaggeeffameera.

Piroojektonni misomaa dameewwan hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan hajjetaman kaneen biyya utuban ta’uun ibsameera.

Kantiiban Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee hojiiwwan gurguddaa hojjtmaa jiraan deeggaruufi jijjiirama itti fufsiisuuf guyya itti waadaa galluudha jedhaniiru.

Gama biraatiin Godinni Baalee fi Magaalaan Roobee walta’uun jala bultii guyyaa injifannoo Bitootessa 24 ilaalchisuun mariin paanaalii gaggeeffameera.

Bulchaan godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii haasawaaa taasisaniin Bitootessi 24, guyyaa seena qabeessa ta’uu eeruu fi ilaalcha Oromoon biyya bulchuu hindanda’u jedhamaa ture cabee biyya hogganuu akka danda’u yeroo itti mirkanaa’eedha jedhan.

Godina Wallggaa Bahaattis mata duree “Injifannoo Arganne Tikfachaa kan Hafeef Waloon Hojjenna” jedhuun mariin paanalii gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Bahaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa haasawaa taasisaniin, sirnoota darbanii eegalee itiyoophiyaan akka biyyatti akka itti fuftuuf gaheen Uummata Oromoo gahee olaanaa turuu yaadachiisan.

Akkasumas Baatiin Bitootessa yeroo mara baatii injifannoo ta’uu ibsuun baatii obbolummaa sabdaneessaa, walqixxummaa sabaaf sablammoota, federaaliizimii dhugaa, jaalalaa fi tokkummaa mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkatuun waltajjiin maarichaa Magaalaa Shaashamanneettis gaggeeffameera.

Maricharratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Adaanaa Taklagoorgis akka jedhanitti yaadama Badhaadhinaa biqilchuun hawaasa qixa sirriin hubachiisuun milkaa’inootaa eegalame cichinee utubuun, misooma ariifachiisaa akka biyyaa fi akka magaalaatti jiranirratti hawaasa hirmaachisuun galma yaadame milkeessuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Godina Iluu Abbaa Booritti Mareen Paanaalii Jala bultii Kabaja guyyaa Yaadannoo Bitootessa 24, kutaalee Hawaasaa garaagaraa Aanaalee godinichaa hiraachise gaggeeffameera.

Maree kana irrattis hooggansa godinaa fi Aanaalee dabalatee Abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa fi hojjettootni Mootummaa seekteroota garaagaraa argamaniiru.

Rippoortarootaa fi Kominikeeshinii Godinaaleerraa

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment