Magaalota baadiyyaa 200 ol fayyadamoo tajaajila elektirikaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebla 10, 2015(FBC)- Magaalota baadiyyaa 200 ol fayyadamoo tajaajila elektirikaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Tajaajilichi dhaabbilee dhuunfaa damicharratti bobba’an waliin ta’uun Sagantaa Adeel jedhamuun magaalota baadiyyaa Giriidii ijoorraa fagaatanii argaman 200 ol fayyadamoo tajaajila elektirikaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Kana malees Sagantaa Elektirifikeeshinii Biyyaalessaan kutaalee hawaasaa %65 Giriidii ijoorraa kutaalee hawaasaa %35 ammoo fayyadamoo filannoowwan madda humnaa biro taasisuuf hojjetamaa jiraachuu tajaajilichi eereera.

Bajatni waliigalaa piroojektichaaf qabame Doolaara miiliyoona 400 ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment