Magaalota Addigraatii fi Wuqirootti tajaajilli Elektirikaa eegale

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)  – Magaalota Addigraatii fi Wuqirootti tajaajilli Elektirikaa eegaluu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Rakkoo nageenyaa naannoo Tigraayitti muudateen bu’uuraalee misooma Elektitikaa barbadaa’ee tura  eegalichiisuuf Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa fi Humni Elektirikii Ityoophiyaa qindoominaan hojii hojjetaniin kaleessaa jalqabee magaalota Addigraatii fi Wuqirootti tajaajilli Elektirikaa eegaleera.

Tajaajila Elektirikaa magaaloota Aksum, Shiree fi Adwaa adda citee ture irra deebiin eegalchiisuuf dhaabbileen lameen qindoominaan hojjechaa jiraachuus ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Naannichatti sababa rakkoo nageenyaan bu’uuraaleen misoomaa barbadaa’aan ariitiin tajaajila akka eegalaniif hojjetamaa turuun isaa kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment