Magaalota 11tti namoota daandirra jiraatan kuma 22 deebisanii dhaabuuf sochiin eegalame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Magaalota 11tti namoota daandirra jiraatan kuma 22 deebisanii dhaabuuf sochiin eegalame.
 
Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa sochiin lammiilee daandirra jiraatan kuma 22 deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuu ibseera.
 
Lammiilee daandirra jiraatan; daa’imman, dargaggoota, dubartootaa fi maanguddoota deebisanii dhaabuuf Baankii Addunyaa waliin tumsaan hojjetamaa jira.
 
Yeroo ammaas akka biyyaatti namoonni kumni 80 ol daandirra kan jiraatan ta’uu ministeerichi beeksiseera.
 
Magaalota 11tti lammiilee daandirra jiraatan kuma 22 ol deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu, dhaabbilee tajaajila laatan waliinis waliigalteerra ga’amaa jiraachuu ministeerichi beeksiseera.
 
Magaalota saddeetitti lammiilee daandirra jiraatan 6,286 fayyadamoo taasisuuf dhaabbilee tajaajila laatan 27 waliin waliigalteen galameera.
 
Dhaabbilee kanneen magaalaa Adaamaa, Finfinnee, Harar, Dirree Dawaa, Maqalee, Dasee, Hawaasaa, Gaambeellaatti kan argamanidha.
 
Tsaggaayee Niguustu gabaase.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment