Magaaloota, Godinaalee fi Aanaalee Oromiyaa garaagaraatti hojiileen misoomaa daawwatame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC) – Guyyaa har’aa Godinaalee 21 fi Bulchiinsa Magaalotaa 23 keessatti daawwannaan hojiilee misoomaa kutaalee hawaasaa hirmaachise taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, hayyoonni, dargaggoonni, abbootiin amantaafi jaarsolii biyyaa daawwannaa kanarratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Magaalaa Hoolataatti hojiileen misoomaa adda addaa daawwatameera.

Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsiifi Aanaa Nageellee dabalatee aanaalee Godinichaa keessatti inisheetiiviiwwan misoomaa garagaraa daawwaatamaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Baatuuttis hojiileen misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjatamaa jiran kutaalee hawaasa garaagaraa daawwatamaniiru.

Hojiileen misooma qarqara hara Dambal, manneen harka qalleeyyii, dhiyeessii nyaata barataa fi kilaasteroota horii, lukkuu fi maaddii guutuu mootummaa fi hirmaannaa hawaasatiin hojjetaman daawwatamuu ragaan BKO fi Waajjira Kominikeeshinii magaalaa fi Godinaaleerraa argame ni mul’isa.

Jilli Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffatiin durfamu hojiilee misoomaa tarkaanfii addaan hojjataman daawwateera.

Bulchiinsa Magaalaa Amboottis Piroojektoonni misoomaa, Inisheetiviiwwan Qonna Magaalaa fi nyaata barattootaa daawwatameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment