Magaaloonni Itiyoophiyaa waggaan % 5.4 guddina agarsiisaa jiru jedhame

Finfinnee, Hagayya 26, 2016 (FBC) – Magaaloonni Itiyoophiyaa waggaan % 5.4 guddina agarsiisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin himan.

Yeroo ammaa magaaloonni ariitiin guddachaa jiraachuu Aadde Caaltuun dubbataniiru.

Waggaan % 5.4 guddina agarsiisaa jiraachuu himaniiru.

Kunis ummanni magaalaa guddachaa jiraachuu kan mul’isuu fi guddina Diinagdee Waliigalaa biyyaaf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Magaaloota Itiyoophiyaa bakka jireenyaaf mijataa, oomishtummaa fi giddugala Diinagdee taasiisuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu Aadde Caaltuu Saaniin himaniiru.

Gama biroon Itiyoophiyaan Fooramii Magaaloota Afrikaa jalqabaa Hagayya 29, 2016 hanga Qaammee 1, 2016tti keessummeessuuf qophii xumuruu dubbachuu TOI gabaaseera.

Waltajjiin kun magaaloota kan si’eessuu fi kallattii guddina magaalootaa kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment