Magaaloonni Godina Walloo Kaabaa fi Kibbaa raayyaa ittisa biyyaan to’atamaa jiru jedhame

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Tarkaanfii Raayyaa ittisaa biyyaa fudhata jirun magaaloonni Godina Walloo Kaabaa fi Kibbaa raayyaa ittisa biyyaan to’atamaa jiraachuu ibsameera.

Hogganaan Adda Waraanaa Walloo Kaabaa Koorii 210’n Koloneel Takiluu Hurrisaa, tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fudhatee magaaloonni  biroo  to’annaa raayyaa ittisaa biyyaa jalaa akka olaniif hojjetaa  jirra jedhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa lolaa guyyaa murasa fudhateen loltoota garee ABUT godina Walloo Kaabaa qabatanii turan akka gadii lakkifamaniif  taasiseera jedhaniiru.

Gareen Shororkeessaa ABUT lolicha irratti daa’immaan umriin isaanii lolaf hin geenyee hirmaachisaa jiraachuu kan himan koloneel Takiluun, kun ammoo hammam garichi abdii kutaachuun isaa hubatamu qaba jedhu.

Yeroo dhiyootti magaaloota godina Walloo kaabaa dabalate kutaalee garichan qabaman hunda irratti tarkaanfii keessaa deebii hin qabne garicha irratti kan fudhatamuu ta’uu himaniru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment