Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC) – Magaaloonni baadiyyaa haaraan 125 fayyadamoo tajaajila Elektirikaa ta’uu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiise.
Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa fayyadamummaa tajaajila elektirikaa magaaloota Baadiyyaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu ibseera.
Baatiwwan salgan darban keessaa magaaloota Baadiyyaa 125 fayyadamoo tajaajilichaa taasisuu danda’uu eereera.
Bara 1998 eegalee hanga Bitootessa 30, 2014tti magaaloonni baadiyyaa haaraa kumni 7 fi 892 fayyadamoo tajaajila elektirikaa ta’uu himeera.
Dhaabbatichi bara 2012 magaaloonni baadiyyaa haaraa 308, bara 2013 ammoo magaaloonni 341 fayyadamoo tajaajilichaa ta’uu isaanii daayreektarri dhiyeessii Elektirika biyyaalessaa obbo Huseen Mahaammad dubbachuu ragaan fuula dhaabbatichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.