Magaalonni 12 baatii Caamsaatti fayyadamoo tajaajila waliinga’iinsa humna eelektiriikaa ni ta’u

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Bara baajataa kanatti baatii Caamsaa keessa magaalonni 12 fayyadamoo tajaajila waliinga’iinsa humna elektiriikaa akka ta’an Tajaajilli Elektiriikaa Ityoophiyaa beeksise.

Akka ragaan mul’isutti Ityoophiyaatti waliinga’iinsi humna elektiriikaa fi uwwisni isaa %40 qofadha.

Kanneen keessaayis %33 kan ta’an tajaajila kuusaa elektiriikaa irraa kan argatan yoo ta’u, %11 kan ta’an ammoo tajaajila humna haaromsaarraa ni argatu jedhameera.

Tajaajilli elektirikaa Ityoophiyaa tajaajilasaa waliinga’uu fi hawaasni biyyattii kutaa garagaraa keessa jiraatu hundi fayyadamoo akka ta’uuf sagantaa riifikeeshinii elektiriikaa qopheessuun hojjechaa jira.

Sagantaa qophaa’e kanaan magaaloonni 12 humna ifaa hin arganne akka araganiif bara darbeerraa eegalee hojjechaa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.

Hojiin waliinga’iinsa humnaa magaalota 12 kun wayita ammaa xumuramaa jiraachuu hoji gaggeessaa olaanaan Tajaajila Elektiriikaa Ityoophiyaa obbo Shifarraaw Taliilaa Faanaa Broodkaastiing Koorpreetitti himaniiru.

Magaalota baatii Caamsaa keessaa tajaajila humna elektiriikaa fayyadamoo ta’an keessaa kan naannoo Oromiyaa 3, naannoo Amaaraa 2, naannoo Tigraay 1, akkasumas naannoo Kibbaatti ammoo magaalonni 2 keessatti ni argamu jedhameera.

Magaalonni kunneen humna elektiriikaan fayyadamoo kan hin taane yoo ta’an, baatii Caamsaatti abbootiin warraa kumni 70 ta’an fayyadamoo ni ta’u jechuun obbo Shifarraaw ibsaniiru.

Tajaajila waliinga’insa humna elektiriikaa kana hojjechiisuuf Doolaarri Ameerika miiliyoonni 8 baasii ta’uu himaniiru.

Magaalota 25 fayyadamoo tajaajila humna elektiriikaa taasisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, hojiin dizaayinii fi caalbaasii hojjetamuun Baankii Misoomaa Afrikaaf ergameera jedhan obbo Shifarraaw.

Hojiin yeroo itti aanu keessa hojjetaman kunneen baatii 6 keessatti Doolaara Ameerikaa miiliyoona 25 kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase

Comments (0)
Add Comment