Magaalonni lameen har’a irraa eegalee tajaajila humna elektirikaa akka argataniif hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 1, 2014(FBC)- Magaalonni Kombolchaa fi Daseen guyyaa har’a irraa eegalee tajaajila humna elektirikaa akka argataniif hojjetamaa jiraachuu Humni Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Gareen suphaa sarara elektirikaa Shawaa Roobiit- Kombolchaa magaalonni Kombolchaa fi Dasee guyyaa har’aa irraa eegalee tajaajila humna elektirikaa akka argataniif hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Gareen suphaa kun guyyaa kaleessaa sarara daddabarsa olaanaa humna elektirikaa Karra Qorree-Kamisee suphuun tajaajilaaf dhaqabsiisuu yaadachiifameera.

Yaalii garichi guyyoota muraasa keessatti sarara Shawaa Roobiiti-Kamisee jiru suphee tajaajilaaf dhaqabsiisuuf taasiseef hojii raawwachiisaan Opireeshinii sarara daddabarsaa fi buufataalee raabsaa obbo Habtaamuu Wuubee dinqisiifataniiru.

Wareegama cimaa kaffaluun yaalii rakkoo uummatichaa furuuf taasisaniif dhaabbatichii fi hawaasni yeroo mara kan isaan yaadatu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment