Magaalonni Jarman lama Itiyoophiyaa waliin walta’insaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)- Magaalonni Jarman Istuutgartii fi Shiwaanbeeshi Zhimandi misooma magaalaa irratti magaalota Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan akka hojjetan ibsan.

Jilli Ministira Ministeeraa Magaala fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin durfamu magaalota Jarman Istuutgarti fi Shiwaanbeeshi Zhimanditti daawwannaa fi muuxannoo waljijjiirraa taasisaniiru.

Aadde Caaltuun turtii isaaniin, hariiroo gamlameenii magaalota Jarmanii fi magaalota Itiyoophiyaa gidduu jirurratti mari’achuu ragaan Jarmanitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Kantiibaan Istuutgarti Dooktar Alezandiraa Submanii fi Kantiibaan Magalaa Shiwaanbeeshi Zhimandi Riichardi Arnooldi, Magaalota Itiyoophiyaa leenjii barnootaa, magaalota ammayyeessuu, misooma magaalaa fi dhimmoota walqabatan irratti walta’iinsaan hojjechuuf deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment