Magaalonni Finfinnee fi Chuunchoon walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’an

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, waliigaltee Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Chunchoon gidduu haaressuuf Kooriyaa Kibbaa galaniiru.

Aadde Adaanech wayita Kooriyaa Kibbaa ga’anitti Kantiibaa Magaalaa Chuunchoon Yuuki Doongi Haan fi kaabinee isaaniin simatamaniiru.

Aadde Adaanech turtii isaaniin, hariiroo gama lameenii Magaalaa Finfinnee fi Chuunchoon irratti marii bal’aa taasisaniiru.

Marichaanis barnootaa fi leenjii, bulchiinsa lafaa, misooma magaalaa fi kanneen biroorratti walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerraa ga’aniiru.

Magaalonni lameen waliigaltee gamlameenii 19ffaa kabajuuf Kantiibaa Magaalaa Chuunchooniin kan durfamuu jilli dargaggoota Kooriyaa Kibbaa Finfinnee akka daawwatuuf afeerraa taasisaniiru.

Haaluma walfakkaatuun jilli daraggootaa Finfinnee Magaalaa Chuunchoonitti muuxannoo waljijjiirraa aadaa akka taasisuuf waltajjii qopheessuuf waliigalteerraa ga’amuu ragaan kominikeeshinii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment