Magaalonni bakka jireenyaa qofa osoo hin taane giddu gala Oomishaa ta’aa jiru jedhame

Magaalonni bakka jireenyaa qofa osoo hin taane giddu gala Oomishaa ta’aa jiru jedhame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2017 (FMC) – Magaalonni galmoota magaalaa qabame milkeessuun karoora imala badhaadhinaa galma yaadameen gahuuf hojjechaa jiraachuun ibsame.

Kunis wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, oomishaalee alaa galan kan biyya keessan bakka buusuu fi carraa hojii bal’inaan uumuu yoo ta’u hojii hojjatameenis magaalota baay’eetti bu’aa abdachiisaan argamaa jira.

Haaluma kanaan magaalonni bakka jireenyaa qofaa osoo hin taane jiddugala oomishaalee garaagaraa ta’aa jiraachuun ibsameera.

Magaalli Bishooftuus Inisheetivoota garaagaraa hojiirra oolaniin jiddugala misoomaa ta’aa dhufeera.

Muuxannoo magaalaa tokkotti argame gara birootti babal’isuun karoora imala badhaadhinaa milkeessuufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Magaalichatti Kutaan magaalaa Dhibaayyuu, hoggansaa fi qonnaan bultoota Kutaa magaalaa Calalaqaa akkasumas, Godina Shawaa Bahaatti Aanaa Ada’aatiif muuxannoo qooduu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment