Magaalichatti yeroo 3ffaaf mallattoon kirkira lafaa dhagahame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti yeroo 3ffaaf mallattoon kirkira lafaa dhagahamuu ibsame.

Awaash Fanattaaleetti kaleessa galgala yeroo 3ffaaf Kirkirri lafaa mudachuu hordofee magaalaa Finfinneetti mallattoon Kirkira lafaa dhagahamuu Inistiityuutiin Ji’ooloojikaalii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Eda halkan sa’aatii 5:11 irratti Awaash Faantaalleetti kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 4.6 galmaa’e mudachuu Inistiityuutichi ibseera.

Kana hordofee Magaalaa Finfinnee iddoolee tokko tokko mallattoon kirkira lafaa dhagahamuu himeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment