Magaalichatti waliigalteewwan tajaajila geejjibaa ammayyeessan mallatteeffaman

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti waliigalteewwan tajaajila geejjibaa ammayyeessan lama dhaabbilee Chaayinaa waliin mallatteeffaman.

Bulchiinsi magaalichaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 30 ol Baankii Addunyaarraa argameen Awutoobisiiwwan 110 dhaabbata Chaayinaa Yuutoong waliin waliigaltee bittaa Doolaara miiliyoona 15 taasifamuu ibsameera.

Dhaabbatichi Awutoobisiiwwan kanneen baatiiwwan 8 keessatti kan dhiyeesu ta’uu ibsameera.

Waliigaltee 2ffaan  dandeettii Awutoobisii Anbassaa kan ammayyeessuu fi kan guddisu sirna geejjibaa infoormeeshin koominikeeshiniin deeggarame yoo ta’u dhaabbata Chaayinaa Shiindoo Hiisans Traans Teek jedhamu waliin mallatteeffamuu ibsameera.

Waliigaltichi Doolaara miiliyoona 14 olii fi Birriin dabalataa miiliyoonni 9 kan baasii itti ta’u yeroo ta’u dhaabbaticha sadarkaa geejjibaa addunyaan irra geese waliin kan wal simsiisu, tajaajila waraqaa malee fi maamiltootaaf teerminaalota irratti odeeffannoo diijitaalaa kan dhiyeessu ta’uu eerameera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen bulchiinsi magaalichaa kiraa Awutoobbisiiwwan deeggarsaaf Birrii biiliyoona 2 ol deeggarsa kan taasisu ta’uu ibsuun rakkoo tajaajila geejjibaa mootummaa qofti kan hiiku akka hin taanee fi ga’een seektara dhuunfaa cimuu akka qabu dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment