Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC) –Gabaa Ayyaana Qillee fi Cuuphaarratti hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanne hojjetamaa Jiraachuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Galteewwan kabaja ayyaanaaf barbaachisan haala gahaa ta’ee fi gatii madaalawaan dhiyeessuuf hojiileen dandeessisu hojjetamaa jiraachuu himeera.
Koreen to’annoo fi hordoffii magaalichaa hojii gabaa tasgabbeessuu hojjetamaa jiru gamaaggameera.
Daldaltoota seeraan alaa to’achuu, sassaabbii galii guddisuu fi gabaa Dilbataa babal’isuuf hojiilee hojjetameen bu’aa gaariin argamuu ibsameera.
Hawaasni Ayyaana Qillee tasgabbiin akka kabajuuf hojiin gabaa tasgabbeessuu xiyyeeffannoon akka hojjetamu Kaantiibaa Itti Aanaa fi walitti qabaan korichaa Obbo Zyaanxiraar Abbay hubachiisaniiru.
Ayyaanoota tibbana kabajamanirratti hanqinni dhiyeessii akka hin mudanne qophii gahaan taasiifamuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj himuu ragaan Koominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia