Magaalichatti tajaajilli waraqaa eenyummaa haaromsuu dhorkamee ture xumura baatii kanaa ni eegala jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti tajaajilli waraqaa eenyummaa haaromsuu dhorkamee ture xumura baatii Onkoloolessaa kan eegalu ta’uu Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii Gaggeessaan magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa ibsan.

Magaalichatti kenniinsaafi haaromsa waraqaa eenyummaan walqabatee hojiimaatilee badaa uumamaniif furmaata waaraa kennuuf tajaajilli kenniinsaafi haaromsa waraqaa eenyummaa yeroo murtaa’eef akka dhaabbatu taasifamuun isaa kan yaadatamudha.

Bulchiinsi magaalichaa hoggantootaafi hojjettoota gochicharratti hirmaatan adda baasuun akka itti gaafatamaniif hojjechaa turuu ibsameera.

Kutaalee magaalaa hunda keessatti aanaalee rakkichi irra jireessaan mul’ate 37tti hordoffii taasifameen hoggantootaafi ogeeyyii 90 irratti hojjiin akka itti gaafataman taasisuu hojjetamuu eeraniiru.

Tajaajilli Waraqaa eenyummaa haaromsuu dhorkamee ture hojiimaata seeraa hordofuun xumura baatii Onkololeessaa kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Kana malees hojiimaaticha ammayyeessuun hojiin hawaasa magaalichaa fayyadamoo waraqaa eenyummaa diijitaalaa taasisuu kan itti fufu ta’uu TOItti dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment