Magaalichatti sosochiin duula qulqullinaa marsaa 2ffaan eegalame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sosochiin duula qulqullinaa marsaa 2ffaan eegalameera.
Sagantichi baatii lamaaf kan turu yoo ta’u, ‘boo’iiwwan lolaa magaalaa keenyaaa bishaan daddabrsuuf malee kuusaa balfaa miti’ mata duree jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.
Duula qulqullinichaa Abbaan Taayitaa Daandiwwanii, Ejansiin bulchiinsa balfa gogaa, Ejansiin Yaa’a fi misooma magariisaa magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu biroon qindoominaan kan dursan ta’a jedhame.
Saganticha hoggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalaa Finfinnee ifatti eegalchiisaniiru.
Sagantaa jalqabbii har’a gaggeeffameerratti miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa fi qaamolee nageenyaa, abbootiin amantaa, ambaasaaddaroonni qulqullinaa, waldaaleen qulqullinaa, dhaabbileen garaagaraa fi hojjettoonni daandii qulqulleessan hirmaachuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment