Magaalichatti sirni to’annoo tiraafikaa ammayyaa’aan hojiirra oolufi

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti tajaajila geejjibaa fooyyeessuuf, intalajansiin sirna geejjibaa to’annoo tiraafikaa ammayyaa’aa hojiirra oolufi.

Sirnichis waggoota dhiyoo asitti hojirra akka oolu Abbaan Taayitaa Geejjibaa Finfinnee beeksiseera.

Qorannoon diizaayinii sirna to’annoo tiraafikaa kun gorsaa dhaabbata idil addunyaa Jarmaan Injinariingii Gaa’uufin hojjetamaa jiraachun ibsameera.

Qorannoon diizaayinichaa kooriidaroota magaalichaa 5 fi daandiiwwan wal qunnamsisoo 200 of keessatti ni qabata jedhameera.

Kooriidaroota jalqabaa kan ta’an imbaasii Ingiliiz, addabaabayii Golaagool, daaandii Eednaamool hojiin diizaayinii isaanii xumuramuun, hawaasa waliin marita’aama jiraachuun ibsameera.

Sirnichi hojiirra wayita oolu qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraas sadarkaa oolaanaan fayyadamoo ni taasisa jedhameet eegama.

Comments (0)
Add Comment