Magaalichatti sirna bittaa diriirfameen Birrii biiliyoona 1.8 baraaruun danda’ame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Dhaabbilee bulchiinsa magaalaa Finfinnee jalatti argaman waliin sirna bittaa diriirfameen Birrii biiliyoona 1.8 mancaatirraa baraaruun danda’amuu ibsame.
 
Bara 2007 eegalee dhaabbilee kutaa bulchiinsa magaalaa hanga aanaatti jiran waliin waliigaltee sirna bittaa diriirsuun hojjetamaa jiraachuu Ejansiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.
 
Gama Ejansichaan sirna bittaa raawwatameen Birrii biiliyoona 1.8 mancaatiraa baraaruun danda’amuu isaa hojii raawwachiisaa olaanaan Ejansii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa magaalaa Finfinnee obbo Biqilaa Galaanaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif himaniiru.
 
Bara 2007 eegalee dhaabbile bulchiinsa magaalichaa jala jiran waliin meeshaaleen tajaajila waloo fi imaammataaf faayidaa qaban Birrii biiliyoona 6 baasii gochuun bittaan raawwatamuu beeksisaniiru.
 
Akkasumas qabeenya tajaajila hin laanne kuma 4 fi 478 fi konkolaattoota tajaajila hin laanne 725 gurgurtaan dhabamsiisuun Birrii miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 11 argamuu obbo Biqilaan ibsaniiru.
 
Bara 2013 keessa meeshaalee tajaajila waloo 128 Birrii biiliyoona 2 oliin bittaa raawwachuuf karoorfamuu ibsameera.
 
Kurmana darbe kana meeshaalee tajaajila hin laanne kuma 1 fi 200 fi konkolaattoota tajaajila hin laanne 100 gurguruuf karoorfamee hanga ammaatti konkolaattoota 28 fi meeshaalee 266 gurguuruun Birriin miiliyoonni 5 ol argamuu himaniiru.
 
Sisaay Geetinat
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
Comments (0)
Add Comment